Site icon Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Godina Lixa Harargee Aanaa Shanan Dhuuggootti reebichi ergamtoota Bilxiginnaan jiraattota irratti raawwatamu jabaatee itti fufe

ONM-ABO Ebla 7, 2025 

Aanaa Shanan Dhuuggoo araddaa Barakaatti  jaleewwan Bilxiginnaa akkuma amala isaanii duraatti hawaasa dararuu hammeessuun, maqaa ijaarsa gandaa irratti hirmaachuu diddan jedhuun namoota maqaan isaanii:

  1. Idiris Aliyyii, 
  2. Mahaammad Kadir, 
  3. Wuubii Muummee,
  4. Aashim Muummee,
  5. Abdoo Mahaammadii fi 

kanneen biroo hedduu ta’an irratti reebicha hamaa ta’e raawwachuu jiraattonni araddichaa Arraata Biyyoolessa Oromiyaatti himanii jiru.

Akka jiraattonni himanitti, namoonni reebaman kunneen hirmaannaa siyaasaa dhaaba kamii kan hin qabne ta’uu himuun, dararamni walii gala onichaatti hawaasa irra ga’aa jirus egeree uummataatti yaaddoo ulfaataa ta’uu addeessaniiru.

Kana malees, araddicha keessatti jaleewwan  Bilxiginnaa maqaa adda addaa da’oo taasifachuun afaan qawwee itti qabanii hawaasa saamaa kan turanii fi jiran oggaa ta’u, maqaa “waajjira gandaa ijaarra” jedhuun hawaasa dirqamsiisuun qarshii 1,000 tokko tokkoon uummataa irraa guuraa jiraachuun dabalataan ibsamee jira.

Ergamtoonni Bilxiginnaa dinagdee isaanii guutummaa guutuutti kufuu ga’e dandamachiisuuf qonnaan bultoota Oromoo baadiyyaa jiranitti fayyadamanii galii irraa walitti qabuun gar-tokkee harka mootummaa impaayerattiitti galii gochuun gara hafe immoo faayidaa dhuunfaa isaanii irra waan oolfataniif garmalee hawaasa Oromoo dararaa jiru. 

Exit mobile version