Site icon Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Godina Arsii Bahaa Aanaa Shanan Kooluutti sarbamiinsi mirgoota namoomaa ergamtoota sirnichaan jiraattota irratti raawwatamu jabaate

ONM-ABO Bitootessa 25, 2025 

Murni Bilxiginnaa kutaalee Oromiyaa hunda keessatti uummata nagaa hiraarsaa kan jiru yoo ta’u, guyyoota shanan darban keessa jechuun Bitootessa 20, 2025 irraa eegalee aanaa Shanan Kooluu ganda Cabbii Qaammee jedhamu keessaa qotee bultoota nagaan hojii dhuunfaa isaanii hojjetachuun maatii isaanii jiraachifatan maqaa WBO waliin hariiroo qabdu jedhuun namoota hedduu mana hidhaatti hiraarsaa jiraachuu jiraattonni Arraata Biyyoolessa Oromiyaatti himanii jiru.

Namoota hidhaman keessaa kanneen maqaan nu gahe:

 1. Ibsaa Yuusufe,

 2. Naasiroo Yuusuf,

 3. Warqinaa Baqqalaa, fi

 4. Ambaaluu Warqinaa kanneen jedhaman akka ta’an beekameera.

Akeekaa fi tarsiimoon isaanii uummata Oromoo saamuu fi dararuu irratti kan fuulleffate murni sirna dhableessi Bilxiginnaa akkuma aadeffannaa isaanii yeroo ammaa kana immoo addatti maqaa fi sababoota adda addaa uummaticha hin ibsine itti maxxansuun yakkanii ajjeesuu, hidhuu fi gochoota kanneen biroo dabalatee sarbamiinsi mirga namoomaa daran itti hammaachuu jiraattonni dubbatu.

Exit mobile version