ONM-ABO Bitootessa 26, 2025
Aanaa Shanan Kooluu ganda Cabbii Qaammee jedhamu keessatti Bitootessa 20, 2025 murni PP balleessaa tokko malee maqaa WBO waliin hariiroo qabdu jedhu itti maxxansuun qonnaan bultoota hedduu jumlaan ukkaamsee hidhaa kan jiru oggaa ta’u, hidhamtoota kanneen keessaa muraasni maqaan nu ga’e; Ibsee Yuusuuf, Nasiroo Yuusuuf, Warqinaa Baqqalaa fi Ambaaluu Warqinaa kanneen jedhaman ta’uu maddeen Arraata Biyyoolessa Oromiyaatti himanii jiru.
Maqaa paartii bulchiinsa isaa qofa jijjiirrachuun aadaa mootummoota abbaa irree impaayerattii duraanii kanneen akka Minilik faana dha’uun dhiittaa mirga namoomaa uummata irratti raawwachaa fi duguuggaa sanyii ilmaan Oromoo irratti labsee guyyuu waraana akka feetee isaan gidirsaa kan oolu koloneel Abiy Ahimed karoora hammeenyaa isaa lammiilee nagaa irratti geggeessaa jiruun hidhaan cinatti qabeenyaa jiraattotaas saamsisaa akka jiru jiraattonni ONM’tti himaniiru.

