Site icon Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Lixa Harargee aanaa Shanan Dhuuggootti saamichi jiraattota irratti jabaachuun himame

ONM-ABO Adoolessa 24, 2024

Amala gabroomfataa PP keessatti yaadni isaan sabaaf qaban mootummaa uummataa ijaaruu osoo hin taane yaanni, ilaalchii fi ejjennoon isaanii hawaasa dhabama godhanii gadaa aangoo isaanii dheereffachuuf yoo ta’u, akka kanaanis bulchiinsi koloneel Abiy Ahimed saamicha, namoota godaansisuu, hidhuu fi ajjeesuu xiyyeeffachuun rakkoo jabaa geggeessaa jira.

Bifuma kanaanis godina Lixa Harargee aanaa Shanan Dhuuggoo araddoota akka Barakaa fi kanneen biroo keessatti saamichi maqaa waltajjii irraa haftan jedhuun namoota irraa qarshii 200 hanga 500 guuruu hammaachuun hawaasni gidiraa argaa jiraachuu dubbatu.

Adda durummaan namni gochoota hamminaa kana gochisiisaa jiru maqaan isaa Abdurrazaaq Yuusuuf fi bulchaa dhimma nageenyaa kan ta’e Misbaay Umar kan jedhaman akka ta’e jiraattonni ONM’tti himaniiru 

Bilxiginnaan wantoota ittiin uummata Oromoo dararuun ni danda’ama jedhanii yaadan   hundaa gochuun guddinaa fi badhaadhina akkasumas boqonnaa sabichaatti ba’aa ulfaataa ta’anii jireenya hawaasaatti yaaddoo jabaa uumanii akka jiranis jiraattotni onichaa ONM’f ibsaniiru.

Exit mobile version