ONM-ABO Fulbaana 5, 2025
Lixa Harargee aanaa Shanan Dhuuggoo araddaa Haqaan Jiraataa keessatti jaleewwan Bilxiginnaa maqaa “qawwee binna” jedhuun garee tokko irraa qarshii 10,000 akkasumas, “namni qarshii kaffaluu dadhabe ammoo horii manaa qabu akka kennu” jechuun Hagayya 31, 2025 qajeelfama labsanii jiraachuu jiraattonni dubbisne tokko tokko Arraata Biyyoolessa Oromiyaatti himanii jiru.
Kana malees aanicha keessatti sarbamiinsi mirga namoomaa ergamtoota sirnichaan lammiilee nagaa irratti raawwatu hammaachuu irraan kan ka’e jiraattonni egeree isaaniif yaaddoo hamaa keessa jiraachuu maddeen itti dabaluun eeranii jiru.
Godinichuma aanaa Ciroo araddaa Sheek Adam bakka addaa Soolee jedhamu irraa torban darbe keessa jaleewwan sirnichaa qonnaan bultoota maqaan isaanii:
- Obbo Abdallaa Muusaa,
- Obbo Jamaal Ahimad,
- Obbo Usmaan Muummee fi
kanneen biroo hedduu ta’an jalaa badii tokko malee manaa fi meeshaalee mana keessaa hunda jalaa gubanii barbadeessanii deemuu jiraattonni araddichaa Arraata Biyyoolessa Oromiyaatti himan.
Kana malees, torbanuma darbe keessa loltoonni holola malee lola hin dandeenye kunneen:
- Obbo Abdallaa Muusaa jalaa erga manaa fi meeshaalee gubaniin booda, midhaan gumbii tokko guutuu jalaa barbadeessuun,
- Obbo Usmaan jalaas erga mana isaa gubanii booda gaagura 6 kaannisa waliin gubuun dukkaana isaa guutummaa saamanii deemuu
jiraattonni dubbisne itti dabaluun ibsanii jiru.
Kufaatii dinagdee hamaa impaayerattii mudate irraa dandamachuu kan dadhabe Bilxiginnaan, yeroo adda addaatti jaleewwan isaaf ajaja kennee qe’ee uummata Oromootti bobbaasuun kaffaltii gosa garaa garaa nagahee seeraa hin qabneen hawaasa ofiifuu qaala’iinsa jireenyaan waadamaa jiru irratti saamicha ulfaataa raawwachiisuun dinagdeen isaa suohuuf tattaafatus maqaa qabeenya diinaati jedhuun ammoo irra hedduu gubee balleessaa kan jiru ta’uun ni beekama.
