Site icon Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Godina Jimmaa Aanaa Saqqaa Coqorsaatti ergamtoonni bilxiginnaa haadha hiyyeessaa tokko jalaa mana daldalaa diiguun himame

ONM-ABO Onkoloolessa 13, 2024 

Garaa dhala namaaf gaddu kan hin qabne gara jabeeyyiin ergamtoota maafiyaa PP golee Oromiyaa cufa keessatti maqaa miidhagina magaalaa jedhuun manneen jireenyaa fi manneen daldalaa jiraattotaa xiqqaa hanga guddaatti jiran beenyaa tokko osoo hin kaffalin diiguun hawaasni beelaaf dheebuu akkasumas roobaaf aduuf saaxilamaa jira.

Haaluma kanaan godina Jimmaa aanaa Saqqaa Coqorsaatti ergamtoonni bilxiginnaa haadha hiyyeessaa tokko jalaa mana daldalaa diiguun ibsameera.

Onkoloolessa 10, 2024 aanaa Saqqaa Coqorsaa ganda Ushaanee Qoocee bakka addaa Addis Katamaa jedhamuun beekamutti haadha ijoollee lamaa kan taate nama maqaan ishee Aadde Muziifaa Muusaa jedhamtu jalaa loltoonni sirnichaa badii tokko malee mana daldalaa bunaa fi shaayii diiguun, qabeenya ishee hanga Finjaala bunaatti tokko osoo hin hambisin caccabsanii deemuu maddeen Arraata Biyyoolessa Oromiyaatti himaniiru.

Akka maddeen jedhanitti, dubartiin kun haadha hiyyeessaa hojii idilee kanaan ilmaan ishee guddifattu ta’uu himuun, gocha dabaa waraana maafiyaa PP’n irratti raawwate kanaan baay’ee aaruu irraa kan ka’e, dhukkuba onneef saaxilamtee, yeroo ammaa mana yaalaa ciisuun du’aa fi jireenya gidduu jiraachuu maddeen itti dabaluun himaniiru.

Exit mobile version