ONM-ABO Caamsaa 1, 2025
Godina Jimmaa aanaa Saqqaa Coqorsaa ganda Bachoo Booree jedhamu keessatti kaadiroonni faashistii PP maqaa miidhagina magaalaatiin manneen uummataa baay’inaan 30 ol ta’u diiguun maatii daa’imman isaanii waliin dirree irratti gatuun dhaga’ame.
Osoo haati imimmaan lakkuu buustee boossuu loltootni fi kaadiroonni Bilxiginnaa maanguddoo umuriin isaanii deeme harka qabanii mana itti ijaaruu osoo qabanii abdii kutachiisuun mana irratti diiganii ofii hannaan jireenya badhaadhaa jiraachaa hiyyeeyyii irratti daba seenaan isaan gaafatu raawwachaa jiru.
Keessattuu suursagaleen haadha laftii fi manni ishee irraa fuudhame tokko imimmaaniin boossee diigamuu mana isheef wawwaattu miidiyaa hawaasaa gubbaa irratti kan mul’atu oggaa ta’u, Bilxiginnaan mootummaa uummataa ofiin jechaa gara jabina daangaa darbeen hawaasa dararaa jira.
Badhaadhinaa fi jijjiirama haarawaa murni Bilxiginnaa fides diigamuu manneen Oromoo, ajjeefamuu ilmaan isaa fi hidhaan qorqalbii cabuu yoo ta’u, dacheen Oromiyaa fi haati Oromoo garuu har’as daranuu madaan ishee qooruufii osoo qabuu kan duraa bara sirnoota darbanii olitti haala gaddisiisaa ta’een hiraarfamaa jirti.

