ONM-ABO Onkoloolessa 7, 2024
Ergamtoonni Bilxiginnaa maqaa “Smart City” jedhamu moggaasuun magaalota Oromiyaa adda addaa keessaa hawaasaaf beenyaa lafaa osoo hin kaffalin manneen uummataa diiguun namoota hedduu roobaa fi rakkoo keessatti hambisaa jiru.
Magaalaa Aggaaroo keessaa manneen hawaasaa sababa tokko malee “ijaarsa seeraan alaati” jechuun uummata jalaa diiganii maatii namoota hedduu mana maleeyyii taasisuun rakkina jireenya impaayerattii ammaa akka dhandhaman taasifamaa jira.
Kana malees, magaalaa kana keessatti sababa tokko malee namoota dalagaa isaaniif deeman kaadiroonni fi milishonni PP “hidhata WBO qabdu” maqaa jedhuun jiraattota aanichaa irratti saamicha, reebicha, hidhaa fi dararaa hamaa irraan gahaa kan jiran ta’uu jiraattonni kun itti dabaluun ibsan.

