Site icon Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Magaalaa Buraayyuu keessatti caasaan Bilxiginnaa manneen uummataa diiguu fi reebicha garmalee jiraattota irratti raawwatan cimsanii itti fufan

ONM-ABO Adoolessa 20, 2024

Lukkeeleen Bilxiginnaa maqaa “Smart City” jedhamu moggaafachuun magaalota Oromiyaa adda addaa keessaa beenyaa qabeenyaa osoo hin kaffalin manneen uummataa diiguun namoota hedduu rooba gannaa keessatti hambisaa kan jiran ta’uun ni beekama.

Manneen hawaasaa sababa tokko malee “ijaarsa seeraan alaati” jechuun uummata magaalaa Buraayyuu jalaa diiguun maatii namoota hedduu yeroo rooba gannaa kanatti bakkeetti gatuun rakkoo hamaaf saaxiluun himameera.

Kana malees, magaalaa Buraayyuutti sababa tokko malee namoota dalagaa isaaniif deeman irratti kaadiroonni fi  milishonni PP kanneen baay’inni isaanii hawaasichaa ol ta’an bobbaafamuun hawaasa  ija shakkiin ilaaluun bilbiloota namootaa heyyama tokko malee jiraattota harkaa fuudhuun kan sakatta’anii fi yoo suuraa Oromummaa calaqqisiisan keessatti argan “hidhata WBO qabdu” jechuun bilbila hawaasarraa fuudhanii  reebicha hamaas irraan ga’aa kan jiran yommuu ta’u, Adoolessa 13, 2024 dargaggoo maqaan isaa Abdii Leencaa jedhamu irratti reebicha hamaa ta’e erga irratti raawwataniin booda qarshii harkaa saamuu jiraattonni kun itti dabaluun ibsan.

Exit mobile version