Site icon Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Godina Arsii Bahaa Aanaa Gololchaatti maqaa “daandii magaalaa babal’isuu” jedhuun manneen uummataa diigamaa jiraachuun himame

ONM-ABO Onkoloolessa 28, 2024 

Maqaa “daandii magaalaa babal’isuu ykn “Smart City” jedhuun ergamtoonni bilxiginnaa magaalota Oromiyaa cufa keessaa manneen daldalaa fi manneen jireenyaa hedduu sababa tokko malee uummata jalaa diiguu itti fufan.  

Yeroo ammaa kana immoo haala adda ta’een manneen uummataa diiganii dhiiga boossisuu fi jireenya dhabsiisuu kan amaleeffatan akkuma amala isaanii kanatti godina Arsii  Bahaa aanaa Gololchaa keessaa manneen uummataa sababa tokko malee diigaa jiraachuun ibsameera.

Aanichatti magaalota Caancoo fi Haroo jedhaman keessaa beenyaa tokko osoo hin kaffaliniif manneen hawaasaa diiganii mancaasaa kan jiran ergamtoonni murna gabroomfataa PP, namoota maqaan isaanii:

  1. Abaraar Sheek Bayyaan,
  2. Mahaammad Sheekaa,
  3. Jaafar Mahaammad,
  4. Hasan Amaanoo,
  5. Jamaal Gannaa,
  6. Muusaa Hasanoo,
  7. Yaasin Kadiroo,
  8. Umar Tasaa fi namoota hedduu jalaa sababa tokko malee manni jalaa diigamuun rakkoo hammaataaf isaan saaxilee jiraachuu maddeen Arraata Biyyoolessa Oromiyaaf eeranii jiru.

Akka maddeen himanitti, manneen hedduun maqaa “daandii magaalaa babal’isuu” jedhuun uummata jalaa yeroo ammaa illee itti fufee diigamaa kan jiru ta’uu dabaluun himaniiru.

Exit mobile version