ONM-ABO Bitootessa 17, 2025
Baha Wallaggaa aanaa Jimmaa Arjoo ganda Meettaatti Bitootessa 13, 2025 loltoonni impaayera Itiyoophiyaa nama maqaan isaa Nagaash Asaffaa jedhamu jalaa mana jireenyaa isaa qabeenya hunda waliin ibiddaan barbadeessuun, re’oota 3 ammoo ooffatanii deemuu maddeen Arraata Biyyoolessa Oromiyaatti himanii jiru.
Kana malees, guyyaadhuma kana gandichuma keessaa Tamee Taayyee nama jedhamu jalaa ammoo qotiyyoo 1 qalachuun, isas maatii isaa waliin qe’ee fi qabeenya irraa buqqisanii jiraachuun dabalataan ibsameera.
Akka maddeen himanitti, namoonni kunneen badii tokkollee qabaataniif osoo hin taane ergamtoonni sirnichaa lolaan Waraana Bilisummaa Oromoo injifachuu dadhabuun, jiraattota naannichaa cufaan “isintu WBO nyaachisa” akkasumas, “daandii agarsiistu” jechuun qe’ee fi qabeenya isaanii gadi dhiisanii gara magaalaatti akka galan dirqamsiisaa jiraachuu Arraata Biyyoolessa Oromiyaaf eeranii jiru.
Dandeettiin sammuun yaaduu isaanii hanguma qaawwaa lilmoo illee kan hin bal’anne ergamtoonni sirna nama nyaataa PP, kutaalee impaayerattii cufa keessatti saboota kan biroo irraa addatti ilmaan Oromoo irratti xiyyeeffachuun miidhaa ulfaataa geessisaa jiru.

