Site icon Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Godina Baha Wallaggaa aanaa Guutoo Giddaatti hawaasa nagaa hidhuun cimee itti fufe

ONM-ABO Hagayya 27, 2024

Hawaasa irraa dhalataniif kabajaa fi safeeffannaa tokkollee kan hin qabne loltoonni bilxiginnaa bakka deeman maratti uummata Oromoo saalaa fi umuriin osoo adda hin qoodin hidhuu, saamuu fi hiraarsuu hojii idilee taasifatanii jiraachuun ni beekama. 

Haaluma kanaan, Godina Baha Wallaggaa aanaa Guutoo Giddaatti jiraattota hidhaatti guuruun dararaa jiru.

Aanaa Guutoo Giddaa bulchiinsa magaalaa Horroo Halaltuu irraa Hagayya 25, 2024 nama maqaan isaa “Asaffaa Guddataa” jedhamu waraanni faashistii PP “situ WBO bilbilee nutti waamee nu rukuchiise” jechuun halkan sa’atii 3:00’tti mana jireenyaa isaa cabsanii seenanii qabanii deemuun mooraa waraanaa magaalichatti argamutti hidhanii hiraarsaa jiraachuu maddeen Arraata Biyyooleessa Oromiyaatti himaniiru.

Onichatti dararaan ergamtoota Bilxiginnaan hawaasa nagaa irratti raawwatamu akkaan jabaatee itti fufee kan jiru yoo ta’u, jiraattonni yeroo hedduu qaama itti iyyatan, dhabuun loltootuma Abiy Ahimed kanneen olaantummaa seeraa kabachiisuuf bobbaane jedhaniin gidiraa hamtuu argaa akka jiran dubbatu. 

Exit mobile version