Site icon Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Godina Baha Wallaggaa aanaa Saasiggaatti hidhaan hawaasa nagaa irratti raawwatamu cimee itti fufe

ONM-ABO Hagayya 25, 2024

Uummata Oromoo cunqursuun akka waan impaayera Itiyoophiyaa keessatti nageenyi waaraan dhufuutti kan amanan ergamtootni Bilxiginnaa yeroo ammaa kana hawaasa nagaa maqaa garaa garaa itti maxxansuun badii tokko malee yakkanii hidhaatti guuraa jiraachuun ni beekama.

Haaluma kanaan, tibba kana godina Baha Wallaggaa aanaa Saasiggaa keessatti waraanni faashistii PP jiraattota humnaa ol hidhaatti guuraa jiraachuun himame.

Aanaa Saasiggaa ganda Walqixxummaa jedhamu irraa Hagayya 23, 2024 namoota maqaan isaanii:

  1. Waaqtolee Taayyee fi 
  2. Boggaalee Kifiluu jedhaman “WBO deggertu” jechuun waraanni sirnichaa halkan sa’atii 6:00’tti mana jireenyaa isaanii cabsanii seenuun bakka ciisicha isaaniitii qabanii waajjira poolisii aanaa Saasiggaatti hidhanii dararaa jiraachuu maddeen Arraata Biyyooleessa Oromiyaatti himaniiru. 

Aanichatti torban lamaan darbanii as hidhaa dabalatee, ajjeechaa fi saamichi waraana sirnichaan jiraattota irratti raawwatamu daran jabaatee jiraachuus maddeen keenya itti dabaluun himaniiru.

Exit mobile version