ONM-ABO Fulbaana 29, 2024
Murni bilxiginnaa bara aangoo isaa dheereffachuuf, loltoota isaa naamusni waraanummaa irraa hin calaqqisne kumaatamaan guutuu Oromiyaatti bobbaasuun hawaasa nagaa irratti miidhaa garaa garaa raawwachiisaa jiraachuun ni beekama.
Haaluma kanaan godina Baha Wallaggaa aanaa Saasiggaa bakkeewwan adda addaatti hidhaa fi ajjeechaan loltoota sirnichaan hawaasa nagaa irratti raawwatamu jabaatee jiraachuu maddeen himan.
Aanaa Saasiggaa ganda Gelaa Qarsaa jedhamu irraa Fulbaana 26, 2024 namootni maqaan isaanii:
- Aadde Kamisee Tarreessaa
- Lalisee Takiluu fi
- Liidiyaa Ximqataa kanneen jedhaman badii tokko malee qe’ee isaniitii loltoota sirnichaan qabamanii hidhaatti darbatamuun dararamaa jiraachuu jiraattonni gandichaa addeessanii jiru.
Guyyuma kana ganda Odaa Guddinaa jedhamu irraa miseensotni maatii haadha dabalatee nama afur kan maqaan isaanii:
- Dursituu Najjaar,
- Leencoo Najjaar,
- Sabboontuu Najjaar fi haadha isaanii
- Aadde Marjan Jamaal jedhamtu waliin badii tokko malee bakka hojii isaanii keessaa loltoota sirnichaan qabamanii hidhamuun dararamaa jiraachuu maddeen Arraata Biyyoolessa Oromiyaatti himan.
Kana malees ganda Hora Waataa jedhamu irraa nama maqaan isaa Ibsaa Shariif jedhamu guyyaa kaleessaa Fulbaana 26, 2024 loltootni sirnichaa qabuun hidhaatti erga darbatanii booda Fulbaana 27, 2024 hidhaa irraa baasuun haala suukkanneessaa ta’een rasaasa itti roobsuun erga ajjeesanii booda bakka inni du’ee ciisutti gara jabeenyaan guutummaa qaama isaa saanjaadhaan waraanuun akka gingilchaatti uranii bakkeetti gatanii deemuu maddeen itti dabaluun eeraniiru.

