Site icon Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Godina Baha Wallaggaa aanaa Saasiggaatti hidhaa fi saamichi waraana faashistii PP’n jiraattota irratti raawwatamu cimee itti fufe

ONM-ABO Fulbaana 7, 2024 

Maqaa caasaa gandaa deebisnee ijaarra jedhuun lafa dhiitaa kan jiran ergamtootni Bilxiginnaa, tibba kana Oromiyaa bakkoota adda addaatti loltootaa fi kaabinoota isaanii bobbaasuun bifa adda ta’een uummata Oromoo irratti yakkoota garaa garaa daangaa hin qabne raawwachuu itti fufanii jiru. 

Akkaataa kanaan, godina Baha Wallaggaa aanaa Saasiggaatti loltoota sirnichaan hidhaa fi saamicha hawaasa nagaa irratti raawwataniin qe’een hawaasaa golgolaa’ee jira.

Aanaa Saasiggaa ganda Hora Waataa bakka addaa Laga Horaa jedhamu irraa Fulbaana 4, 2024 dargaggoota maqaan isaanii: 

  1. Takkoo Dambaalii fi 
  2. Mahaammad Abdulkariim jedhaman waraanni Bilxiginnaa kun doqdoqqee kanaan dura jalaa saamanii turan kottaa fudhadhaa jechuun waamanii erga isaan dhaqanii booda hidhaatti darbatanii jiraachuu maddeen ONM’tti himanii jiru.

Aanuma kana ganda Gelaa Qarsaa jedhamu irraa torban darbe namoota maqaan isaanii:

  1. Cammir Lammii,          
  2. Gammachuu Fufaa fi kanneen biroo hedduu ta’an badii tokko malee sirna awwaalchaa irra osoo jiranii humnoota faashistii PP kanaan qabamanii dararamaa jiraachuun ibsameera.

Oduu saamichaa aanichatti raawwatameen ammoo, Fulbaana 5, 2024 bilxiginnaan dargaggoota aanichaa wal-ga’ii waamuun hunda isaanii irraa bilbila fudhatanii jiraachuu maddeen keenya itti dabaluun eeraniiru.

Exit mobile version