ONM-ABO Onkoloolessa 1, 2024
Akka saree maraatuu olii fi gadi fiiguun hawaasa nagaa “gaja’aa” kan oolan lukkeeleen bilxiginnaa, tibba kana godina Baha Wallaggaa aanaa Saasiggaa bakkeewwan gara garaatti hawaasa nagaa kan dur baratameen olitti ajjeesuu, hidhuu fi saamuu jabeessanii jiru.
Haaluma kanaan, ganda Hora Waataa jedhamu irraa Fulbaana 28, 2024 nama maqaan isaa “Habtaamuu Gabayyoo” jedhamu loltoonni sirnichaa qabanii erga hidhaa tursanii booda, guyyuma kana turtii yeroo gabaabaa booda hidhaa irraa baasuun ajjeesanii jiru.
Itti dabaluun Fulbaana 29, 2024 aanuma kana ganda “Odaa Guddinaa” irraa nama maqaan isaa “Shambaal Mahaammad Ibiraahim” jedhamu obboleessa keetu miseensa WBO’ti jechuun badii tokko malee rasaasa itti roobsanii ajjeesanii gatuu jiraattonni gandichaa ONM’tti himaniiru.
Oduu hidhaa fi saamichaan ammoo, ganduma Hora Waataa irraa Fulbaana 28, 2024 namoota maqaan isaanii:
- Amoo Mitikkuu
- Adinaan Rashiid
- Abirahaam Gammachuu
- Mahaammad Hussoo
- Asteer Garramuu hidhanii, qabeenyaas jalaa saaman,
- Jaafar Ibiraahim jalaa Piistoo fudhatan,
- Abdishaa Ahimed jalaa Piistoo fudhatan,
- Ibsaa Qaasiim jalaa Piistoo fudhachuun,
- Seefuddiin Jamaal kan jedhamuun ammoo Piistoo qabda jechuun, qarshii 10,000 harkaa fudhatanii jiru.
Kana malees jiraattota kanneen biroo hedduu ta’an kan maqaan isaanii hin eeramne irrattis saamicha qabeenyaa gosa garaa garaa hangana hin jedhamne raawwatanii jiraachuun ibsameera.

