ONM-ABO Fulbaana 11, 2024
Loltoonni bilxiginnaa kan naamusni waraanummaa irraa hin calaqqisnee fi safuu hawaasaa kabajuu hin beekne, goleewwan Oromiyaa cufa keessatti maqaa “sakatta’a Waraana Bilisummaa Oromoo” jedhu sababeeffachuun wayita bobbaafaman hawaasa nagaa hirmaannaa siyaasa kam keessaa qooda hin qabne badii tokko malee hidhuu fi saamuu jabeessanii itti fufanii jiru.
Haaluma kanaan, godina Baha Wallaggaa aanaa Saasiggaatti hidhaa fi saamichi jiraattota irratti raawwatamu cimee kan itti fufee jiru ta’uun beekamee jira.
Aanaa Saasiggaa ganda “Hora Waataa” jedhamu irraa guyyaa kaleessaa Fulbaana 9, 2024 namoota maqaan isaanii:
- Najjaash Amiin,
- Zannaayee Kabbadee,
- Tigiluu Bultoo fi
- Maarqos Indaalee kanneen jedhaman waraanni sirnichaa qe’ee isaaniitii qabuun waajjira Poolisii aanaa Saasiggaatti hidhanii garmalee dararaa jiraachuu maddeen Arraata Biyyoolessa Oromiyaatti himaniiru.
Kana malees, Obbo Najjaash Amiiniin erga qabanii booda loltoonni kun meeshaa dhuunfaa isaa kan inni heyyama itti qabu jalaa fudhatanii jiraachuun ibsameera.

