ONM-ABO Fulbaana 22, 2024
Ergamtoonni abbaa irree teessuma siyaasaa nam-tokkee akka tiksaniif fedhii isaanii malee qawwee hidhachiifamuun bobbaafaman, dantaa dhuunfaa isaaniif jecha hawaasa nagaa maqaa isaan hin qabne itti maxxansuun yakkoota garaa garaa irratti raawwachaa jiraachuun ni beekama.
Haaluma kanaan, godina Baha Wallaggaa aanaa Saasiggaatti hidhaa fi saamichi waraana faashistii PP’n jiraattota irratti raawwatamu jabaatee jira.
Aanaa Saasiggaa ganda Dangaallii Gonkee bakka addaa “Sambee” jedhamuun beekamu irraa Fulbaana 19, 2024 waraanni sirnichaa qonnaan bulaa maqaan isaa “Addunyaa Xiyyaar” jedhamu “hidhata WBO qabda” jechuun bakka hojii isaarraa qabuun reebicha ulfaataa erga irraan ga’aniin booda mooraa waraanaa geessuun hidhanii dararaa jiraachuu maddeen Arraata Biyyoolessa Oromiyaatti himaniiru.
Kana malees, loltoonni kun qonnaan bulaa kana erga qabanii deemanii booda guyyuma kana waaree booda gara mana jireenyaa isaatti deebi’uun qabeenyaa inni qabu Piistoo fi maallaqa dabalatee kan biroo hedduu saamanii deemuun ibsameera.

