ONM-ABO Bitootessa 18, 2025
Jiraattota aanaa Sayyoo Noolee ganda Duwwisoo kan ta’an, dargaggoota 2 kanneen maqaan isaanii:
- Muraad Ashanaa fi
- Iddoosaa Yaadataa jedhaman
Bitootessa 15, 2025 wal dhibdee namoota dhuunfaa gidduu ture irratti ragaa akka ba’aniif gara godina Iluu Abbaa Booraa mana murtii aanaa Daarimuutti waamuun, erga isaan achi ga’anii boodas “hidhata Waraana Bilisummaa Oromoo qabdu” jedhanii ukkaamsuun badii tokko malee hidhaatti darbatanii hiraarsaa jiraachuu maddeen Arraata Biyyoolessa Oromiyaatti himanii jiru.
Dargaggoonni kunneen siyaasa kam keessa illee kan hin jirre ta’uu kan himan maddeen, gochi kun jibbiinsa Oromoof murni Bilxiginnaa qabu kan agarsiisuudha jechuun dubbatu.
Akkuma aanichaatti dhiittaa fi sarbamiinsi mirgoota namoomaa ergamtoota Bilxiginnaan jiraattota irratti raawwatu haala duraan barameen olitti jabaatee itti fufee jiraachuun dabalataan ibsameera.

