ONM-ABO Caamsaa 31, 2025
Lixa Wallaggaa aanaa Sayyoo Noolee ganda Samarroo Hacoo jedhamu irraa Caamsaa 25, 2025 namoota maqaan isaanii:
- Abarraa Ittaanaa,
- Gammachuu Olaanaa fi
- Hacaaluu Fiqaaduu
kanneen jedhaman jaleewwan sirnichaa sababa tokko malee ukkaamsuun hidhaatti darbatanii hiraarsaa jiraachuu maddeen Arraata Biyyoolessa Oromiyaatti himanii jiru.
Akka maddeen himanitti, namoonni kunneen siyaasa kam irraa walaba ta’uu himuun, lukkeeleen Bilxiginnaa ammoo maqaa sobaa “qarshii nuti ganda ijaaruuf walitti qabne nyaattanii fixxan” jedhuun yakkanii kan hidhan ta’uu Arraata Biyyoolessa Oromiyaaf eeranii jiru.
Teessoo siyaasaa nam-tokkee tiksuuf jecha goleewwan Oromiyaa cufatti kan bobbaafaman jaleewwan Bilxiginnaa, ilmaan Oromoo sobaan yakkanii dararaa ulfaataa irraan gahuu itti fufanii jiru.

