Site icon Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Godina Baha Wallaggaa bulchiinsa magaalaa Naqamtee fi aanaa Gobbuu-Sayyoo keessatti hidhaan murna maafiyaa PP’n hawaasa nagaa irratti raawwatamu cimee itti fufe

ONM-ABO Waxabajjii 27, 2025 

Baha Wallaggaa bulchiinsa magaalaa Naqamtee ganda 02 bakka addaa Dargee jedhamu keessaa Waxabajjii 24, 2025 namoota maqaan isaanii:

  1. Sanyii Indaalee,
  2. Toofiq Mulgeetaa,
  3. Maatiyoos Abarraa,
  4. Saamu’eel,
  5. Abdii,
  6. Yoonaasii fi 

namoota ammaaf maqaan isaanii adda hin baane kanneen baay’inaan 11 ta’an ergamtoonni sirnichaa badii tokko malee reebicha ulfaataa ta’e irratti raawwachuun hidhaatti darbatanii hiraarsaa jiraachuu maddeen Arraata Biyyoolessa Oromiyaatti himanii jiru.

Jiraattonni jumlaan hidhaman kunneen yakka dalaganii osoo hin taane, ajjeechaa suukkanneessaa hidhattoonni sirnichaa Waxabajjii 19, 2025 gandichuma bakka addaa Gabaa Jawaar jedhamutti dargaggoota 3 irratti raawwatanii turan sana dhoksuuf jecha, “isintu gocha kana raawwate” jechuun hawaasa meesha maleeyyii kanneen dhimma isaan hin beekneen hidhanii hiraarsaa jiraachuu dubbatu.

Bifuma wal fakkaatuun, godinuma kana aanaa Gobbuu-Sayyoo ganda Gambeela-Tarree jedhamu keessaa Waxabajjii 24, 2025 waraanni sirnichaa kunneen maanguddoo ganna 45 olii abbaa ilmaan 6 kan ta’e, maqaan isaa Obbo Caaqaa Galataa kan jedhamu badii tokko malee mana jireenyaa isaatii ukkaamsuun osoo ijoolleen isaa duukkaa boo’anii  harka isaa duubatti hidhuun reebaa fuudhanii deemuun waajjira poolisiitti hidhanii jiraachuu maddeen itti dabaluun Arraata Biyyoolessa Oromiyaaf eeranii jiru.

Exit mobile version