Site icon Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Godina Baha Wallaggaa bulchiinsa magaalaa Naqamtee keessatti ergamtoonni Bilxiginnaa dargaggoo tokko ukkaamsuun hidhaatti darbatan 

ONM-ABO Waxabajjii 24, 2025 

Jaleewwan Bilxiginnaa kanneen garaa isaanii qofa guuttachuuf jooran kutaalee impaayerattii cufa keessaa haala duraan amaleeffataniin olitti sabboontota ilmaan Oromoo adamsanii hidhaatti guuruu itti fufanii jiru.

Dhalataa Lixa Wallaggaa aanaa Laaloo Assaabii kan ta’e dargaggoo maqaan isaa Naa’ol Tamasgeen jedhamu torban darbe keessa ergamtoonni sirnichaa badii tokko malee magaalaa Naqamtee keessaa ukkaamsuun waajjira poolisii magaalichaatti hidhanii hiraarsaa jiraachuu maddeen Arraata Biyyoolessa Oromiyaatti himanii jiru.

Akka maddeen himanitti, dargaggoon kun siyaasa kam irraa walaba kan ta’ee fi waggaa 4 dura barnoota isaa digirii jalqabaa Yuunivarsiitii Amboo irraa xumuruun yeroo ammaa kanas hojii barbaaduuf jecha magaalaa Naqamtee kan jiraatu ta’uu dubbatu.

Exit mobile version