ONM-ABO Adoolessa 26, 2025
Adoolessa 21, 2025 bulchiinsa magaalaa Naqamtee keessaa bakka addaa naannoo Calalaqii jedhamu irraa loltoonni Bilxiginnaa dargaggoo maqaan isaa Maatiwoos Girmaa jedhamu adamsanii ukkaamsuun hiraarsaa ulfaataa irratti raawwachaa jiraachuu maddeen Arraata Biyyoolessa Oromiyaatti himan.
Guyyaadhuma kana dargaggoo ol-adeemaa maqaan isaa Magarsaa Girmaa jedhamu badii tokko malee reebicha hamaa ta’e irratti raawwachuun halkan tokkoof hidhaatti darbatanii gadi dhiisuu maddeen itti dabaluun ibsanii jiru.
Akka magaalichaatti, loltootni impaayerattii muddama lolaa bakka hedduutti isaan mudate baraaruuf addatti dargaggoota irratti xiyyeeffatanii adamsanii qabuun gara leenjii waraanaatti guuruu cimsanii itti fufanii jiraachuun illee dabalataan ibsamee jira.
