ONM-ABO Hagayya 16, 2024
Gareen abbaa irree PP, akkuma duraan sababa Oromummaa qofaaf yakkuun adamsee uummata Oromoo hidhee dararuu amaleeffate gocha isaanii kana jabeessuun, godina Baha Wallaggaa magaalaa Naqamteetti jiraattota hidhaatti guuraa jiraachuun ifoomeera.
Hagayya 15, 2024 dargaggoo maqaan isaa Qananii jedhamu magaalaa Naqamtee keessaa ukkaamsuun mana hidhaatti darbatanii dararaa hamaa ta’e irratti raawwachaa jiraachuu namoonni itti dhiyeenyaan isa beekan ni dubbatu.
Magaalaa Naqamtee keessaa ergamtootni Bilxiginnaa haala duraan barameen olitti dargaggoota adamsanii ukkaamsuun hidhanii garmalee dararaa jiraachuu fi dargaggoonni hedduun ukkaamfamuun magaalichatti dararaa hamaa keessummeessaa kan jiranii fi dhukkuboota adda addaan miidhamaa kan jiran ta’uu maddeen kun itti dabaluun Arraata Biyyoolessa Oromiyaatti himaniiru.

