Site icon Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Godina Baha Wallaggaa bulchiinsa magaalaa Naqamteetti jiraattota hidhuun hammaate

ONM-ABO Adoolessa 5, 2024

Sirni faashistii PP akkuma duraan sababa Oromummaa qofaaf yakkuun uummata hidhee dararuu amaleeffate, godina Baha Wallaggaa aanaa Guutoo Giddaatti jiraattota hidhaatti guuraa jiraachuun ifoome.

Guyyaa dheengaddaa Adoolessa 3, 2024 dargaggoo maqaan isaa Dassaalee Amdee jedhamuu fi dargaggoo maqaan isaa adda hin bahin tokko magaalaa Naqamtee naannoo Boonoo jedhamutti ukkaamsuun mana hidhaatti darbatanii dararaa jiraachuu namoonni itti dhiyeenyaan beekan ni dubbatu. 

Dargaggoonni kun jiraattota aanaa Guutoo Giddaa ganda Jireenyaa kan ta’anii fi magaalaa Naqamtee gabaa yeroo dhaqan caasaan bilxiginnaa adamsanii qabuun hidhanii jiraachuu kan himan maddeen keenya, bifuma wal fakkaatuun dargaggoonni hedduun qabamuun magaalichatti dararaa hamaa keessummeessaa kan jiranii fi dhukkuboota adda addaan miidhamaa kan jiran ta’uu maddeen kun itti dabaluun Arraata Biyyoolessa Oromiyaatti himaniiru.

Exit mobile version