Site icon Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Godina Baha Wallaggaa Aanaa Guutoo Giddaatti loltoonni maafiyaan PP jiraattota nagaa hidhaattii guuruu cimsanii yoo itti fufan, magaalaa Naqamtee keessatti qawwee milishaa Abiy Ahimediin dubartiin tokko ajjeefamte

ONM-ABO Caamsaa 16, 2025 

Baha Wallaggaa aanaa Guutoo Giddaa ganda Fayisaa bakka adda Mottee jedhamu keessatti waraanni faashistii PP Caamsaa 13, 2025 halkan keessaa toora sa’a 4:00’tti namoota nagaa lama kanneen maqaan isaanii:

  1. Obbo Marabbaa Tasfaa fi
  2. Obbo Gurmeessaa Tasfaa 

jedhaman badii tokko malee sababa Oromummaa isaanii qofaaf yakkanii mana isaaniitii qabuun hidhaatti darbatanii gidiraa ulfaataa irraan ga’aa jiraachuu maddeen Arraata Biyyooleessa Oromiyaattii himan. 

Namoonni kunneen hirmaannaa dhaaba siyaasaa kam keessaayyuu kan hin qabne ta’anis, ergamtootni sirnichaa ilaalcha jal’inaa fi jibbiinsa Oromummaaf qaban ifatti mul’isuun kanneen dhiiga dhangalaasuu fi lafee uummata Oromoo cabsuuf hirriba dhaban, maatii isaanii irraa ukkaamsuun murtii seeraa tokko malees hiraarsaa jiru.

Oduu walfakkatuun  bulchiinsa magaalaa Naqamtee ganda 03 keessatti Caamsaa 11, 2025 dargaggoo maqaan isaa Boonaa Dassaaleeny jedhamu badii tokko malee mana maatii isaatii qabanii mana hiraarsaa ganda 07’tti hidhanii dararaa hamaa irrattii raawwachaa jiraachuu maddeen itti dabaluun ONM’f eeranii jiru.

Milishaan Abiy Ahimed qawwee illee qabachuu osoo sirnaan hin barin bobbaafaman achuma magaalaa Naqamtee ganda 02’tti Caamsaa 14, 2025 qawween harkaa ba’ee dubartii tokko ajjeesee jiraachuun barameera.

Exit mobile version