ONM-ABO Adoolessa 29, 2025
Murni Bilxiginnaa bara aangoo barcuma siyaasa isaa dheereffachuuf jecha afaan qawweetti dhimma ba’uun golee Oromiyaa cufa keessatti gochoota sukkanneessaa uummata nagaa irratti raawwachaa jiru hammeessuun, godina Lixa Wallaggaa aanaa Mana Sibuu ganda Geeboo Lalisaa keessatti Adooleessa 26, 2025 nama maqaan isaa Lammeessaa Haayiluu jedhamu waraanni sirnichaa badii tokko malee rasaasa itti roobsuun ajjeesanii gatuu jiraattotni Arraata Biyoolessa Oromiyaatti himan.
Akka jiraattotni jedhanitti namni kun badii fi hirmaannaa dhaaba siyaasaa kam keessaa kan hin qabne yoo ta’u, loltootni sirnichaa sababa Waraanni Bilisummaa Oromoo guyyaa sana tarkaanfii irratti fudhateef qofa haaloo bahannaaf ajjeesanii gatuun eerameera.
Aanaa Mana Sibuu keessatti yakkoonni akka ajjeechaa, hidhaa, saamichaa fi gubaatiin manneenii irra deddeebbiin waraana PP’n hammaachuun baanee galuuf rakkoo ulfaataa keessa jirra jechuun jiraattotni yaada isaanii ONM’f ibsanii jiru.

