ONM-ABO Muddee 28, 2025
Godina Lixa Wallaggaa aanaa Begii ganda Lalistuu Lophii keessatti Muddee 25, 2025 waraanni murna PP nama maqaan isaa Qaasim Mahaammud Adam jedhamu badii tokko malee rasaasa itti roobsuun ajjeesanii gatuu jiraattotni gandichaa Arraata Biyyoolessa Oromiyaatti himan.
Akka jiraattotni himanitti, Qaasim nama nagaa tuttuqaa siyaasaa kamirraayyuu walaba ta’e hojii dhuunfaa isaa hojjechuun ilmaan isaa kan jiraachifatu yoo ta’u, waraanni PP garuu maqaa sobaa itti moggaasuun yakkanii ajjeesanii gatuun hawaasaan kaafamee akka hin awwaallamneef hanga gabaasni kun qindaa’etti dhorkanii turuu jiraattonni miiraa gaddaan guutameen dubbatu.
Kana malees loltoonni akka feeteen PP uummata nagaa saamuu, hidhuu fi ajjeesuun egeree lammiileetti dukkana halkanii uwwisaa kan jiran oggaa ta’u, sochiin namootaa danqamuun uummanni haala ulfaataa keessa akka jirus dubbatu.
Murni Bilxiginnaa golee Oromiyaa cufa keessatti uummata nagaa irratti yakkoota garaagaraa raawwachuun gara jabinaa fi jibbiinsa saba Oromootiif qabu ifatti mul’isaa jiraachuun ni beekama.

