ONM-ABO Amajjii 30, 2024
Bilxiginnaan yakka namoomaa Oromiyaa keessatti raawwachaa jiruun, namoota saalaan osoo hin fo’in duguuggaa sanyii irratti geggeessuun, ajjeesanii bineensa nyaachisuu, ibiddaan gubuu fi gochoota fokkisaa albeen namoota qaluun qorqalbii hawaasichaa miidhaa jiru.
Haaluma kanaanis godina lixa Wallaggaa aanaa Gimbii ganda Suphee Ujjukkaa jedhamu keessatti Amajjii 27, 2024 galgala irraa nama umuriin isaa ganna 40 ta’e obbo Aagumaa Asfawuu jedhamu halkan keessaa toora sa’a 4:00tti waraanni maafi’aa PP manneen itti ol seenuun rasaasaa itti roobsanii ajjeesanii deemuun barameera.
Akka jiraattotni jedhanitti obbo Aagumaan yakka isa ajjeesisu hojjetee osoo hin taane ilma Oromoo ta’ee dhalachuu qofaaf maqaa WBO waliin hariiroo qabda jedhu itti maxxansanii osoo maatiin isaa hin ajjeesinaa jedhanii bo’anii gara jabeenyaan hiraarfama guddaa irratti erga geggeessaniin boodas ajjeesan jechuun dubbatu.

