ONM-ABO Caamsaa 15, 2025
Kaleessa Caamsaa 14, 2025 Lixa Wallaggaa aanaa Mana Sibuu ganda Idooroo Tooboraatti abbaa ilmaan saddeetii kan ta’e nama maqaan isaa Obbo Gammachuu Tooboo jedhamu, osoo inni gaagura hidhachuuf mukarra jiruu waraanni goolessaan impaayerattii muka gubbaatti itti dhukaasuun lubbuu isaa baasuun himame.
Kana malees guyyaadhuma kaleessaa Caamsaa 14, 2025 ganda Qoqoraa Gurraati jedhamu keessatti abbaa daa’ima tokkoo kan ta’e Obbo Gaarii Addisuu kan jedhamu yakka tokko malee rasaasaan waadanii ajjeesanii akka deeman addeeffameera.
Oduuma ajjeechaatiin Lixa Wallaggaa aanaa Qondaalaa ganda Geemii Gaabbaa jedhamu keessaa Caamsaa 10, 2025 dargaggoo maqaan isaa Jiboo Yaadasaa Musee jedhamu loltoonni maafiyaan PP rasaasa itti roobsuun ajjeesanii gatuu jiraattonni ONM’tti himaniiru.

