• Mon. Mar 16th, 2026

Godina Lixa Wallaggaa Aanaalee Qondaalaa fi Mana Sibuutti loltoonni maafiyaa PP namoota sadii ajjeesuun himame

May 15, 2025

ONM-ABO Caamsaa 15, 2025 

Kaleessa Caamsaa 14, 2025 Lixa Wallaggaa aanaa Mana Sibuu ganda Idooroo Tooboraatti abbaa ilmaan saddeetii kan ta’e nama maqaan isaa Obbo Gammachuu Tooboo jedhamu, osoo inni gaagura hidhachuuf mukarra jiruu waraanni goolessaan impaayerattii muka gubbaatti itti dhukaasuun lubbuu isaa baasuun himame.

Kana malees guyyaadhuma kaleessaa Caamsaa 14, 2025 ganda Qoqoraa Gurraati jedhamu keessatti abbaa daa’ima tokkoo kan ta’e Obbo Gaarii Addisuu kan jedhamu yakka tokko malee rasaasaan waadanii ajjeesanii akka deeman addeeffameera.

Oduuma ajjeechaatiin Lixa Wallaggaa aanaa Qondaalaa ganda Geemii Gaabbaa jedhamu keessaa Caamsaa 10, 2025 dargaggoo maqaan isaa Jiboo Yaadasaa Musee jedhamu loltoonni maafiyaan PP rasaasa itti roobsuun ajjeesanii gatuu jiraattonni ONM’tti himaniiru.

Leave a Reply

Discover more from Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Subscribe now to keep reading and get access to the full archive.

Continue reading