• Fri. Nov 27th, 2026

Godina Baha Harargee Aanaa Baddannootti namoonni leenjii waraanaatti akka deemaniif lukkeelee Bilxiginnaan ukkaamfamanii turan, mana hidhaa cabsanii ba’an

May 15, 2025

ONM-ABO Caamsaa 15, 2025 

Aanaa Baddannoo araddaa Gooroo Wadoo irraa dargaggootaa fi qonnaan bultoonni hedduun loltoota sirnichaan torban lamaa oliif fedhii isaanii malee ukkaamfamanii mana hidhaatti darbatamanii dararamaa kan turan, Caamsaa 10, 2025 mana hidhaa cabsanii ba’uu jiraattonni araddichaa Arraata Biyyoolessa Oromiyaaf addeessan.

Akka jiraattonni araddichaa himanitti, namoonni qabeenya qaban gara leenjii waraanaa akka hin deemneef qarshii guddaa kaffalanii ba’aa kan turan ta’uu himuun, kanneen qarshii kaffaluu didan immoo “Bilxiginnaaf duuluu irra, asumatti du’uu nuuf wayya; yookiin immoo, Waraana Bilisummaa Oromootti makamnee leenjii gahoome fudhachuun Oromiyaa walabaa dhiigaa fi lafeen ijaarra” ejjennoo jedhuun jaleewwan sirnichaa isaan eeguuf achi turan fincilaniii bahuun himame.

Ergamtoonni Bilxiginnaa akka waan impaayerattii kufaatii jalaa baraaraniitti namuma argan daandii, bakka hojii idilee isaanii fi mana jireenyaa isaanii halkan cabsuun fedhii malee ukkaamsuun gara leenjii waraanaatti guuraa jiru.

Leave a Reply