Site icon Qeerroo Bilisummaa Oromoo

WBOn godina Baalee Lixaa aanaa Gobbaa keessatti diina du’aa fi madoon adabee

Sadaasa 12, 2023

Gootichi Waraana Bilisummaa Oromoo WBOn waraana weerartuu PP qe’ee ilmaan Oromoo gubee barbadeessaa, ilmaan Oromoo saalaa fi umriin osoo qoodne ajjeesaa fi saamaa jiru Oromiyaa bakka cufatti qawween dura dhaabbachuun gatii baasisanii jira.

Akka kanaanis Wiixata darbe Sadaasa 7, 2023 abdii fi wanteen uummataa WBOn zoonii kibbaa baha Oromiyaa cibraan Madda Walaabuu godina Baalee lixaa aanaa Gobbaa ganda Itittuu jedhamtu keessatti waraana shororkeessaa PP iddoo qubsumaa isheetti itti cabsuun lolaa halkan keessaa sa’a 4:30 irratti taasiseen 11 ajjeesee 15 madeessuun  injifannoon golabee jira.

Injifannoon Uummata Oromoof!

Exit mobile version