Site icon Qeerroo Bilisummaa Oromoo

WBOn godina Baalee Lixaa keessatti diina du’aa fi madoon adabuu beeksise

ONM-ABO Sadaasa  27, 2023

Gootichi Waraana Bilisummaa Oromoo WBOn zoonii Kibba Baha Oromiyaa Cibraan Madda Walaabuu godina Baalee lixaa keessa socho’u diina irratti tarkanfii boonsaa fudhachuun baaragsee jira.

Irree fi gachaanni sabaa WBOn dheengadda Sadaasa 25, 2023 aanaa  Barbaree ganda Gaara Jaartii iddoo adda Waleenota jedhamutti diina maqaa sakkaatta WBO jedhuun bobbaatee uummata nagaa maqaa WBO deggertu jedhuun kaan ajjeesaa kaan ammoo hidhuun hiraarsaa jirtuu haxxee itti hidhuun loltoota 3 battalumatti irraa ajjeesee 5 ammo madoo dandammii hin qabneen adabuun gara aanaa irraa dhuftetti deebisee jira.

Waraanni faashistii PP kun yeroo dhuftu humna farra riphee lolaati nuti jechuun ofii tuulaa fi  mariin araaraa fashaalee jira  ammaan booda nuti  humna lafoo fi qilleensa irraan loluuf qophiidha, tanaaf namoonni ilaalcha isaanii qaban humna qilleensaan barbaadeessina jechuun dhaadachaa akkasumas uummata doorsisa turtee booda irra jajjabeen onnee sibiilaa WBOn abdii sabaa tarkaanfii fudhaateen ari’ee  salfachisuun galchee jira.

Imalli Bilisummaa dhukaasa WBOn milkaa’a!

Injifannoon Uummata Oromoof!

Exit mobile version