Site icon Qeerroo Bilisummaa Oromoo

WBOn Godinaa Baalee lixaa aanaa Gobbaa keessa sochuu diinaa du’aaf maddoon adabuu  beeksiise

ONM-ABO Sadaasa 23, 2023 

Irree fi gachanni uummata Oromoo WBOn Zoonii Kibbaa bahaa Oromiyaa waraana faashistii PP irratti tarkaanfii fudhachuun injifaanoo boonsaa galmeessee jira.

Kaleessa Sadassa 12 /2023 gootichi waraana bilisumma Oromoo WBOn Zoonii Kibbaa bahaa Oromiyaa Cibraan Madda Walaabuu godina Baalee Lixaa aanaa Gobbaa ganda Itittuu Suuraa iddoo addaa Boraalee Diqoofi ganda Imiraaroo jedhamu keessa socho’u waraana Abiy Ahimed hogganamu  maqaa WBO sakattaana jedhuun bobbatee uummata nagaa qe’ee fi qabeenya isaani barbadeessa turtee tarkanfii laaleessaa irratti fudhateen loltoota  20 ajjeesuun, 9 madoo fi namaa 3 meeshaa guutuu waliin harkaan qabuun AKM 12 irraa hiikee dantaa qabsoo bilisummmaa Oromof galii taasiseera.

Irree fi gacheen uummata Oromoo WBOn diina yeroo amma kana maqaa marii Araraa jedhuu uummata dura  qabuun harka lafa jalaatiin guutuu Oromiyaa keessatti duula qindaawaa gocha jirtu  dursee irratti baruudhaan farra ishee itti qopheessuun adabaa jira.

Injifannoon Uummata Oromoof!

Exit mobile version