ONM-ABO Adoolessa 29, 2025
Ergamtootni Bilxiginnaa yeroo itti uummanni oomisha midhaanii galfachaa jiru kana keessatti rakkoo dinagdee impaayerattii mudatee jiru irraa of baraaruuf jecha godina Baalee Lixaa aanaalee tokko tokko keessaa maqaa gosa kaffaltii garaa garaan uummata saamaa jiraachuu jiraattotni ONM’f eeran.
Aanaa sinaanaa, Gobbaa fi bulchiinsa magaalaa Roobee keessatti namni kamiyyuu waraqaa dhalootaa baafachuu qaba, namoota maatii qabaniin daa’imman keessaniifis baasuu qabdu jechuun:
- Daa’ima waggaa 7’tti qarshii 100,
- Nama waggaa 8- 17’tti qarshii 200-400,
- Warroota umrii dargagummaa keessa jiran ammoo qarshii 400- 800 fi
- abbaa warraa fi haadha warraatti ammoo qarshii 1600
afaan qawweetti dhimma ba’uun irraa fuuchaa akka jiran ibsuun, jecha humnaan wal makatee raawwachaa jirun kanaan yaadda’uu jirattoonni Arraata Biyyoolessa Oromiyaatti himaniiru.
Impaayerattiin raafama dinagdee fi siyaasaan muddamtee kan jirtu yoo ta’u, gara laafina tokko malee uummata qaala’insa jireenyaan gubataa jiru irratti tarsiimoo garaa garaa bocachuun samicha isaaniif akka mijatutti hawaasatti gadi busuun dararaa ulfaataa raawwachaa akka jiran ni mul’ata. Haaluma kanaanis manneen Baankii, manneen barnootaa fi manneen barnoota amantii irratti illee yoo waraqaa enyummaa dhalootaa hin qabaatin masjiida seentanii qaraatii barachuu hin dandeessan jechuun ijoollee keenya illee mana amantii irraa dhorkaa jiru jechuun jirattoonni itti dabaluun ifoomsanii jiru.

