Site icon Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Baalee Lixaa Aanaa Gaasaraa fi Agarfaatti meeshaalee waraanaa bituu qabduun dhiibbaan jiraattota irratti raawwatamu jabaatee itti fufe 

ONM-ABO Caamsaa 6, 2025 

Gareen saamichaan ijaaramee of jiraachisuu aadefate aksiyooniin Abiy Ahimed bara kana Kaabaa fi Kibba, Lixaa fi Baha osoo hin jedhin kutaalee Oromiyaa cufa keessatti uummata Oromoo saamuu itti fufuun yeroo ammaa kana godina Baalee Lixaa aanaa Gaasaraa fi Agarfaa jalatti kan argaman gandoota mara keessatti waajjirri gandaa tokko dirqamaan meeshaa lolaa qawwee AKM 8 fi bireenii 1 bituu qaba jechuun hawaasa doorsisaa jiraachuu maddeen Arraata Biyyoolessa Oromiyaaf addeessanii jiru.

Akka maddeen naannichaa eeranitti ergamtoonni impaayerattii kunneen manneen hawaasaa gad dhaabbate hunda irra deemuun nama tokko irraa qarshii 500-700 guuraa jiraachuu fi akkuma aanaalee kanneeniitti saamichi maqaa dhimmoota adda addaa dawoo godhate hidhattoota sirnichaan hawaasa Oromoo irratti hammaachaa jiraachuu fi akkuma guutummaa godinichaatti dararaa fi sarbamiinsi mirga namoomaa jiraattota irratti raawwachaa jiru haalaan yaaddessaa ta’uu dabaluun addeessaniiru.

Bulchiinsi Abiy Ahimed afaan qawweetti dhimma bahuun hawaasa saamee badhaadhina faarsu yeroo barbaadetti ajandaa fedhe kalaqatee ilmaan Oromoo saalaa fi umuriin osoo adda hin qoodin dararaa ulfaataa akka reebichaa, hidhaa fi ajjechaa suukkanneessaa irratti raawwachuun cinatti tibbana immoo dirqama ulfaataa hawaasaatti gad buusuun saamicha daangaa darbe raawwachaa jiraachuu jiraattonni dubbatu.

Exit mobile version