ONM-ABO Caamsaa 14, 2025
Aanaa Siraaroo magaalaa Lokkee 01 irraa maqaa “daandii baasna” jedhuun namoota maqaan isaanii: Obbo Jamaal Duubee fi Obbo Shaashaa Oogatoo jedhaman “mana keessan diigaa; yeroo jedhame keessatti hin diiggattan taanaan, isin ajjeesna” jechuun doorsisaa jiraachuu jiraattonni magaalichaa Arraata Biyyoolessa Oromiyaatti himanii jiru.
Kana malees, nama maqaan isaa Obbo Daggaloo Dhaqqaboo jedhamuun hanga waggaa muraasaa qofatti mana kee kireeffadhu; sana booda manni kee ni diigama” jechuun isas doorsisaa jiraachuu fi mana namoota hedduu gaaffii tokko malee diiguu fi kanneen diiguu didan immoo hidhaa fi reebichaan dararaa jiraachuu maddeen itti dabaluun ibsanii jiru.
Impaayerattii guutummaa keessatti ergamtoonni Bilxiginnaa maqaa koriidarii da’oo godhachuun manaa fi mooraa jiraattotaa diiganii balleessuun rakkoo dinagdee ulfaataa qaqqabsiisaa jiraachuun baramee jira.

