Site icon Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Arsii Bahaa Aanaa Martii fi Siree keessatti murni Bilxiginnaa hawaasa nagaa irraa mana jireenyaa isaanii diiguu fi namoota mana hidhaatti darbachuu hammeessan

ONM-ABO Hagayya 20, 2025 

Hagayya 16, 2025 aanaa Siree ganda Hufuraa Agamsa jedhamu keessatti dargaggoo maqaan isaa Aabbishuu Aman Aliyyii jedhamu gaaffii tokko malee mana isaa keessaa butuun erga hedduu reebaa turaniin booda waajjira poolisiitti darbatanii, maatiin isaas akka dhaqee hin ilaalle akeekkachiisuun dararaa jiraachuu jiraattonni naannichaa ifoomsaniiru. 

Haaluma walfakkaatuun murni muuxannoo nama hiraarsuu wal irraa dhaaluun hawaasatti bobba’e kun aanaa Martii ganda Wataroo Diinoo keessatti manneen hawaasaa irraa qorqorroo diiguun fe’achaa kan turan yoo ta’u:

  1. mana Obbo Adaam Jaldoo irraa qorqoorroo baallee 32 fi 
  2. mana Obbo Saafii Waaqoo irraas qorqorroo baallee 27 

irraa diiggatanii jiraachuun ibsamee jira.

Aanaalee kanneen lamaan keessatti yeroo garaa garaatti hidhattoota gandichaan uummatni reebamuu fi dhiitamuu bira darbee mana isaa keessatti illee nyaataaf dhugaatii, midhaan gosa facaafatu irratti dhiibbaan garaa garaa mul’ataa jiraachuus itti dabaluun ibsanii jiru.

Exit mobile version