Site icon Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Lixa Wallaggaa Aanaa Qondaalaa keessatti murni PP maqaa deggeraa WBO’ti jedhuun qonnaan bulaa tokko irraa mana diiguun bakkeetti hambisanii jiraachuun dhagaa’ame

ONM-ABO Amajjii 23, 2025 

Guddisa ilmaan nafxanyootaa fi eegduu sirna nama nyaataa milinikiin kan ta’e koloneel Abiy Ahimed saamtotaa fi goolessitoota waraana isaa ilmaan Oromootti bobbaasuun qe’ee isaa keessatti ajjeesaa, hidhaa, saamaa fi qe’ee isaa ibiddaan barbadeessuun jiruu gadadoof saaxilaa jira.

Amajjii 5, 2025 Lixa Wallaggaa aanaa Qondaalaa ganda Boojjii Gaara Arbaa keessatti waraanni Bilxiginnaa maqaa deggeraa WBO’ti jedhuun nama maqaan isaa Obbo Abdii Jamaal Ahimed jedhamu jalaa mana qorqorroo baallee 80 irraa diiguun qorqorroo sanas gara ganda Ashunfaatti fe’achuun mooraa waraanaa akka ittiin ijaarrattan maddeen ONM’f gabaasan.

Akka maddeen jedhanitti, hidhattootni kunneen erga saamicha kana raawwataniis, uummanni ijaaree itti galchuuf yeroo jedhu akka hin ijaarreef dhorkuun yeroo ammaa kanatti namni kun utuu qabeenya qabuu waan keessa jiraatu dhabee  maatii isaa waliin rakkoo argaa akka jiru jiraattonni gandichaa itti dhiheenyaan beekan ONM’f gabaasanii jiru.

Exit mobile version