Site icon Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Godina Lixa Wallaggaa Aanaa Qondaalaa keessatti loltoonni faashistii PP jiraattota hidhuu, manneen jireenyaa isaanii diiguu fi saamicha qabeenyaa irratti rawwachuu cimsanii itti fufan

ONM-ABO Muddee 25, 2024 

Saayinsii waraana biyya tokkoo kan hin kabajnee fi naasuu tokko illee uummata Oromoof kan hin qabne waraanni impaayera Itiyoophiyaa, goleewwan Oromiyaa adda addaatti bakka naamusni waraanaa nama hin dhaabne hunda dhaabbachuun ilmaan Oromoo dhiiraa fi dubartii osoo hin jenne uummata cufa irratti dararaa ulfaataa qaqqabsiisaa jira.

Aanaa Qondaalaa gandoota adda addaa kanneen akka: Qondaala Fashfashii, Qondaala Zeengaa fi Ashunfaa gandoota jedhaman keessatti dararaa hamaa raawwachaa kan jiran loltoonni sirnichaa ganda Fashfashii jedhamu irraa namoota maqaan isaanii Ramadaan Muusaa fi Ashiim Muusaa kanneen jedhaman badii tokko malee sababa Oromummaa isaanii qofaaf waraanni goolessituun bilxiginnaa yoo hidhan, nama Aldoo Guyyaa jedhamu jalaa immoo loon tokko saamanii deemuu maddeen Arraata Biyyoolessa Oromiyaatti himanii jiru. 

Kana malees, ganda Qondaala Zeengaa jedhamu irraa nama Obbo Muusaa Huseen jedhamu jalaa immoo maqaa “ilma keetu bosona jira” jedhuun mana jireenyaa isaanii keessaa maatii bakketti gad ari’uun qorqorroo mana isaanii irraa diiggatanii qabeenya mana isaanii keessa jiru guutummaatti saamanii deemuu itti dabaluun ibsaniiru.

Akkasumas, aanaadhuma kana ganda Ashunfaa jedhamu irraa dubartii Aadde Jeddaa Margaa jedhamtu jalaa maqaa ”abbaa warraa keetu bosona jira” jedhuun qorqorroo baallee 60 fi qabeenya mana ishee keessa jiru guutummaatti saamanii deemuu jiraattonni gandichaa ONM’tti himanii jiru.

Exit mobile version