Site icon Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Godina Jimmaa bulchiinsa magaalaa Jimmaatti waraanni maafiyaan PP dargaggoo tokkotti rasaasa roobsuun ajjeesanii gatan

ONM-ABO Amajjii 17, 2025 

Murni faashistii Abiy Ahimed loltoota isaa goleewwan Oromiyaa hundatti bobbaasuun maqaa “Waraana Bilisummaa Oromoo gargaartu” jedhu itti maxxansuun kan durii caalaa hawaasa nagaa hidhuu, saamuu, ajjeesuu, reebuu, qe’ee fi qabeenya irraa buqqisuun hiraarsaa kan oolu, godina Jimmaa bulchiinsa magaalaa Jimmaatti dargaggoo tokko ajjeesanii gatuun ibsameera.

Magaalaa Jimmaa keessaa loltoonni faashistii Abiy Ahimed hojii diinummaa fi gara jabinaa uummata Oromoo irratti raawwatan jabeessuun badii tokko malee dargaggoo maqaan isaa Fo’aadee jedhamu torban tokko dura rasaasa itti roobsuun ajjeesanii gatuu jiraattonni magaalichaa Arraata Biyyoolessa Oromiyaatti himanii jiru.

Dargaggoon kun dhalataa godinichaa aanaa Geeraa kan ta’ee fi magaalaa Jimmaa keessatti bajaajii oofuun kan jireenya isaa geggeeffatu ta’us  halkan keessaa naannoo sa’atii 3:00 irratti osoo inni dhukubsataa fe’ee hospitaalaan gahuuf fiiguu waraanni PP fi milishaan isaanii rasaasa itti roobsuun ajjeesanii gatuun ibsameera.

Exit mobile version