Site icon Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Godina Jimmaa Bulchiinsa magaalaa Jimmaatti dargaggoon tokko loltoota sirnichaan ajjeefame

ONM-ABO Amajjii 28, 2025 

Murni garboomfataan PP afaaniin nagaa himaa gama kaaniin ammoo, uummata Oromoo irratti duula duguuggaa sanyii (genocide) labsuun loltoota isaa goleewwan Oromiyaa cufa keessatti bobbaasee hawaasa nagaa rasaasaan tumsiisaa jiraachuun ni beekama.

Godina Jimmaa bulchiinsa magaalaa Jimmaa ganda Ginjoo Guduruu jedhamu irraa ergamtootni dhiiga ilmaan Oromoon dhangalaasuu qofaaf bobbaafan loltootni PP dargaggoo maqaan isaa adda hin baane tokko Amajjii 23, 2025 halkan keessaa naannoo sa’a 3:00 irratti ukkaamsuun reebicha hamaa ta’e erga irraan ga’anii booda rasaasa itti roobsuun lubbuu isaa dabarsanii boolla lolaa keessatti gatuu jiraataan gandichaa ganama dhimma kana dhaga’e tokko Arraata Biyyoolessa Oromiyaaf eeree jira. 

Akka jiraataan gandichaa yaaddoo nageenya isaaf akka maqaan isaa dhahamu hin feene kun himutti, “hoggaa itti siqnee ilaallu dargaggoodha, fuulli isaa haaraa waan ta’eef adda baasuu dadhabne. Waraanni sirnichaa erga ajjeesanii booda, waraqaa eenyummaa fi bilbila isaa irraa fuudhanii iddoo addaa “Laga Booyyee” jedhamutti reeffa isaa gatan. Reeffi dargaggoo kanaa hanga Amajjii 24, 2025’tti lafaa hin ka’in ture” jechuun miira aarii fi xiiqiin guutameen dubbata. 

Gandicha keessatti irra deddeebiin dargaggoota ajjeesanii gatuun baramaa ta’uu eeruun, lukkeeleen bilxiginnaa halkan daandii eegaa bulan, milishaa fi gaachana sirnaa kanneen jedhaman guyyaadhuma sana dargaggoo tokko qabanii uleedhaan garmalee tumanii iyyisiisaa turuu fi erga xiqqoo turanii immoo waa lafarra harkisaa kan turan ta’uu jiraattonni naannoo dargaggoon kun itti ajjeefamee yaada isaanii ONM’f kennanii jiru.

Exit mobile version