ONM-ABO Waxabajjii 8, 2025
Bulchiinsa magaalaa Jimmaa ganda Ginjoo Guduruu bakka addaa Ajiippii jedhamutti Waxabajjii 4, 2025 guyyaa keessaa toora sa’a 7:00’tti loltoonni Bilxiginnaa dargaggoo maqaan isaa Rattaa Labataa jedhamu badii tokko malee rasaasa itti roobsuun yoo deeman, bakka itti rukutamee fudhamee yaaliin taasifamuufis lubbuun akka darbe jiraattonni ONM’f ifoomsaniiru.
Dargaggoon abdii fi egeree maatii ta’e kun dhalataa godina Lixa Shaggar magaalaa Amboo yoo ta’u, hojii konkolaachisummaa irratti bobba’ee kan jiraatuu fi badii tokko malee sababa Oromummaa isaa qofaaf yakkamuun loltoota Abiy Ahimediin kan ajjeefame ta’uun ibsameera.
Akka jiraattonni ibsanitti, dargaggoon kun erga rasaasa loltoota Abiy Ahimed irraa itti dhukaafameen rukutamee booda, Hospitaala Jimmaa galee yaalli danuun godhamuufis damdamachuu dadhabee Waxabajjii 5, 2025 ganama sa’a 1:00’tti lubbuun isaa darbuun beekameera.

