ONM-ABO Adoolessa 12, 2023
Murni bilxiginnaa ilmaan Oromoo badii tokko malee gocha isaan keessaa hin qabne ilaalcha siyaasaa itti maxxansuun hidhuu, ajjeesuu fi saamuu tooftaa waraanaa godhachuun jireenya hawaasichaa bakka cufaa goolaa oola.
Torbee darbee qabuunis baha Shaggar bulchiinsa magaalaa Adaamaa keessa waraana bilisummaa Oromoo galchitanii jirtu jechuun manneen ilmaan Oromoo sabboonummaa qaban jedhan, poolisootni magaalattii adamsuun sakattaa irratti geggeessaa turan.
Manneen gandoota magaalattii cufa keessatti daran sakattaa hammeessuun akkasumas, sakattaa manneen irratti geggeefamuun cinaatti daandii gara Boosat geessu irraan konkolaataa aanota irraa gara magaalattii dhaqan irrattis sakattaan geggeeffamaa jira.
Ilmaan Oromoo sabboonummaa qaban magaalattii keessatti manneen isaanii sakattaa’amuun alatti qabamanii hidhamaa kan jiran yoo ta’u, manneen hojii magaalichaa keessatti ilaalcha siyaasaan qoodamuun doorsifamaa fi faayidaa dhorkamaa akka jiran maddeen magaalaa Adaamaa Arraata Biyyoolessa Oromiyaatti himaniiru.

