Site icon Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Baha Shaggar bulchiinsa magaalaa Bishooftuu keessatti doorsisni ilmaan Oromoo irratti jabaachuu maddeen himan

ONM-ABO Fulbaana 25, 2023

Jalabultii ayyaana Irreechaan wal qabatee caasaan bulchiinsaa fi qaamotni bilxiginnaa hidhatanii godina  baha Shaggar bulchiinsa magaalaa  Bishooftuu keessa socho’an ilmaan Oromoo magaalattii keessa jiraatan daandii gubbaatti doorsisuu fi manneen irra deemuun akeekkachiisaa jiraachuu himan.

Magaalaa Bishooftuu kana keessatti mana siree irra deemuun namoota nagaa bultiif qabatanii jiran irribaa kaasuun eessaa dhuftee gaafachuun irriba dhorkachaa jiraachuu kan dubbatan maddeen abbootii qabeenyaa hoteelaatti ammoo akeekkachiisni kennameera.

Abbootii hoteelaan namoota haaraa torbee kana keessa hoteela kireeffatan eessaa akka dhufanii fi maal qabatanii akka jiran sirnaan adda baasanii beekuu akka qaban akkasumas waan shakkan yeroon poolisiitti akka gabaasan itti himaniiru.

Dargaggoonni Oromoo rifeensa guddifatanii yoo argaman miseensota WBOti yookiin ergamtoota jechuun qabamaa fi reebichi irratti raawwachaa akka jiru kan kaasan maddeen, hojjettootni warshaa irraa hojii humnaa hojjetanii galgala galan rakkachaa jiraachuu dabaluun ibsaniiru.

Exit mobile version