ONM-ABO Fulbaana 25, 2023
Jalabultii ayyaana Irreechaan wal qabatee caasaan bulchiinsaa fi qaamotni bilxiginnaa hidhatanii godina baha Shaggar bulchiinsa magaalaa Bishooftuu keessa socho’an ilmaan Oromoo magaalattii keessa jiraatan daandii gubbaatti doorsisuu fi manneen irra deemuun akeekkachiisaa jiraachuu himan.
Magaalaa Bishooftuu kana keessatti mana siree irra deemuun namoota nagaa bultiif qabatanii jiran irribaa kaasuun eessaa dhuftee gaafachuun irriba dhorkachaa jiraachuu kan dubbatan maddeen abbootii qabeenyaa hoteelaatti ammoo akeekkachiisni kennameera.
Abbootii hoteelaan namoota haaraa torbee kana keessa hoteela kireeffatan eessaa akka dhufanii fi maal qabatanii akka jiran sirnaan adda baasanii beekuu akka qaban akkasumas waan shakkan yeroon poolisiitti akka gabaasan itti himaniiru.
Dargaggoonni Oromoo rifeensa guddifatanii yoo argaman miseensota WBOti yookiin ergamtoota jechuun qabamaa fi reebichi irratti raawwachaa akka jiru kan kaasan maddeen, hojjettootni warshaa irraa hojii humnaa hojjetanii galgala galan rakkachaa jiraachuu dabaluun ibsaniiru.




















