Site icon Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Warshaalee magaalaa Bishooftuu fi Dukam keessatti hojjettoota warshichaa fi waraana sirnichaa mooricha keessa buufatanii jiraniin ilmaan Oromoo irratti doorsisnii fi miidhaa jajjabaan ga’aa jiraachuun himame

ONM-ABO Waxabajji 13, 2023

Magaalaa guddaa Oromiyaa Kan ta’e magaalaan finfinnee warshaalee fi projectiiwwan gurguddaa kan of keessaa qabu yoo ta’u, ilmaan Oromoo dabalatee sabaa fi sablammoonni hedduun  projectii fi warshaalee kana keessatti miindeffamuun jireenya fooyya’aa jiraachuuf tattaafachaa jiran keessaa, ilmaan Oromoo addatti xiyyeeffatamuun hojjeettoti warshichaa fi caasaaleen bilxiginnaa waliin ta’uun doorsisaa  fi miidhaa garaagaraa irratti geggeessuun gariin ammoo achii buutee dhabamsiisuun, ilmaan Oromoos faayidaa dachee abbaa Isaanii magaalaa Finfinnee irraa argatan dhabuun bu’aan Isaanii gidiraa ta’aa Jira.

Haaluma kanaan magaalaa Finfinnee kutaa magaalaa Bishooftuu fi Dukam keessatti ilmaan Oromoo kutaalee Oromiyaa garaagaraattii rakkoo dandamatanii, jireenya fooyya’aa jiraachuuf gara magaalota kanneenii deemuun, warshaalee magaalattii keessatti miindeffamanii hojii hojjetan, hojjettootaa fi waraanaa sirnichaan dararamni guddaan irra ga’aa jiraachuu himatu.

Kana malees warshaalee kana keessatti mirga dubbachuu dhabuun, sirreeffama miindaaf yeroo iyyatanis callisi eessaa akka ati dhufte hin beeknu waraana bilisummaa Oromoo ta’uu hin haftu jechuun sodaachisuun, hojii irraa ari’uu fi ilmaan Oromoo hojii barbaachaaf gara warshichaa deeman sabaan qooduun keessummeessaa akka hin jirree fi waraana sirnichaa mooraalee kana keessa buufatanii jiraniin dararamaa jiraachuu namoonni rakkoon Kun irra ga’e dubbatan.

Exit mobile version