ONM-ABO Gurraandhala 18, 2025
Dhaabbanni warshaa “Rodas Paints Industry” jedhamee beekamu kan nama Tsaggaayee jedhamee waamamuu yoo ta’u, dhaabbanni kun roottoo bishaan gubbaa manaarra kaawwatanii bishaan itti kuufatan oomishuun beekama.
Dhaabbanni kun halluuwwan kuwaartizii kan isaa kan ta’ee fi fakkeessee kan dhaabbattoota biraa baay’inaan oomisha.
Humni nama achi keessaa hojjetuu baay’inaan 5000 ol yoo ta’u, humna namaa gatii salphaan namoota lafa dhaqan dhaban qacaruun hojii kaffaltii isaaniin olii hojjechiisa.
Hojjettoota waraqaa gandaa qofaan warra hin baranne jedhanii kan qacaran yoo ta’u, namoota baranne jedhanis CV irraa fuuchuun gita hojii fedhanii fi miindaa fedhan 7000 hanga 12,000 gidduu irra kaa’u.
Miindaa armaan olitti eerama kana sababoota akka yeroon hin argamnee kan qarshii 500 nama adabsiisu dabalatee kan biroo waliin irraa ciccituun qarshii 3000 hanga 40000 qofa fudhannee galla jedhu hojjettootni warshichaa.
Mooricha keessatti gaaffii kaasuunis ta’e mormuun akkasumas wal ga’anii dubbachuun kan hin danda’amne yoo ta’u, kana ittisuufis security camera fi waraana reenjerii uffatan 60 ol mooraa keessatti bobbaasuun hojjechiisaa jira.
Warshaan naannoo Sabbataa Hawaasitti qabeenyummaa abbaa qabeenyaa Tsaggaayeen hojii irra jiru kun kan lafa naannoo warshichaa jiru akka fedhetti fudhatee uummata buqqisaa jira.
Kanas lukkeelee PP jala deemuuf faayidaa guuteefii argata.
Uummata goyyomsuuf bu’uraalee misoomaa xixxiqqoo ijaarre jechuun Bilxiginnaa waamee kan eebbisu yoo ta’u, uummatni naannichaa garuu dhiibbaa warshaan kun irratti fidaa jiru akka mormaachaa jiru Arraatni Biyyoolessa Oromiyaa odeeffateera.
Warshaalee Finfinnee, Shaggar Sitii fi godinoota Finfinnee dhiyoo keessa dhaabbatanii jiran akkuma bara TPLF miidhaa gurguddaa hawaasa Oromoo irraan kan ga’aa jiran yoo ta’u, yeroo ammaa ammoo Bilxiginnaan ofii isaa lafa naannoo Bishooftuu fi bakkeewwan biroo abbootii qabeenyaa United Arab Emirets’f kennuun uummata achi irraa buqqa’an gara Arsii fi Baalee qubadhaa jechuunii gabaasuun keenya ni yaadatama.

