ONM-ABO Amajjii 16, 2024
Dhaabbanni Doolaara biiliyoona 19tti tilmaamamu kun guyyaatti barmeela 650,000 oomishuuf kan danda’u yoo ta’u, boba’aa diizilaa fi boba’aa aviyeeshinii oomishuuf eegaluu Dhaabbanni Boba’aa Qulqulleessituu Daangootee Sanbata gabaase. Naayijeeriyaatti dhaabbata boba’aa qulqulleessu kan dhuunfaa isa jalqabaa ta’uun pirojektiin kun ”biyya keenyaaf tapha jijjiirraadha,” jechuun dabalee ibseera.
Naayijeeriyaan biyyoota Afrikaa oomishtoota boba’aa olaanoo keessaa tokko ta’us itti fayyadama isheef oomishaalee boba’aa qulqullaa’an biyya alaatii galchiti. Dameen boba’aa fi gaazii uumamaa biyyattii waggoota dheeraaf rakkachaa kan ture yoo ta’u, warshaaleen boba’aa mootummaan bulfamu harki caalaan isaanii sababa suphaa gaarii hin qabneef dandeettiin isaanii irraa baay’ee gadi aanaan hojjetu.
Warshaan qulqulleessituu Daangotee rakkoo anniisaa Naayijeeriyaatiif ”rasaasa meetii miti” jedhan ogeessi boba’aa fi gaazii Olufola Wusu, garee imaammata gaazii biyyoolessaa Naayijeeriyaa gamaaggamuuf gargaare keessaa tokko kan ta’an. Garuu damee kana deebisee jiraachisuuf karaa guddaadha. Naayijeeriyaan oomishaalee boba’aa qulqullaa’an biyya keessa galchuu irraa gara dandeettii qulqulleessuu biyya keessaatiin of danda’uutti ceesisuuf ni gargaara jedhan.
Warshaan qulqulleessituu dhuunfaa kun kan abbaa qabeenyaa dureessa Afrikaa, industirii Naayijeeriyaa Aliikoo Daangooteeti. Giddugala dinagdee Naayijeeriyaa kan taate Leegoositti kan argamu yoo ta’u, warshaa xaa’oo cinatti hojjeta.
Warshaan kun fedhii Naayijeeriyaa beenzila, diizila, keeroosiinii, fi boba’aa jeettii aviyeeshinii %100 dandeettii oomishaa guutuudhaan ni guuta jedhamee eegama jedhan Daangooteen bara darbe yeroo dhaabbatichi banamu. Yoo xiqqaate oomishaalee boba’aa achitti hojjetaman keessaa %40 al-ergiidhaaf akka dhiyaatan dhaabbatichi beeksiseera.
Warshaan kun hojii isaa jalqabuuf hanga ammaatti dhaabbata boba’aa mootummaa Naayijeeriyaa NNPC Limited irraa gara barmeela miiliyoona 6 argateera, haa ta’u malee warshaan boba’aa qulqulleessituu kun dandeettii guutuu ga’uuf ji’oota fudhachuu danda’a jedhu xiinxaltoonni.
Lammiileen tokko tokko warshaan haaraan kun yeroo dhiyootti gatii gaazii fayyadamtootaa hir’isuuf akka gargaaru abdii qaban ibsuun, mootummaan deggarsa waggoota kurnan lamaan darbaniif erga dhaabe booda waggaa tokko dura irraa dachaa sadii dabaleera.
Xiinxaltoonni akka jedhanitti, dhiibbaan gatii ammallee haala indaastirii kan akka baasii boba’aa, gidduu seenummaa mootummaa kan akka deggarsa fi jijjiirraa maallaqa biyya keessaa gara doolaaraa irratti hundaa’a jechuun Africa News gabaaseera.

